Madda suuraa, Estudio Santa Rita
YouTube’n akka marsariitii viidiyoo gaggabaabaa waliif qooduu dandeenyuun jalqabe.
Garuu waggaa 20ffaa hundeeffama isaa keessatti qabiyyee isaay, akkaataa itti yaadnu, miira keenya ibsinuufi itti wal qunnamnu jijjiireera.
Bara 2006, barruun Taayim (Time Magazine) namni bara sun badhaasa waggaa argate sii jechuun maxxanse. “Eeyyee, sii. “Umurii odeeffannoo to’atta. Baga gara addunyaa keessaniitti nagaan dhuftan.” jedhee barruun kun.
Qoli jalqabaa irratti daawwitii fakkii dubbisaa calaqqisiisu qaba ture. Kunis marsariitii ‘youtube’ fakkeessuuf qophaa’e ture.
Gaafas Yuutiyuubin erga jalqabee waggaa tokko qofa ture, garuu gahee bara itti aanu keessatti qabnu irratti hubannoo keenya jijjiiree ture.
‘Youtube’ erga jalqabee bara kana waggaa 20 ga’eera. Waggota kana keessatti waan asoosama fakkaatu irraa gara utubaa teeknooloojii qabatamatti guddateera.
Namoonni gara biiliyoona 2.5 ta’an ji’a ji’aan gara ‘youtube’ seenu.
Dhaabbatichi namoonni TV isaanii irratti ‘youtube’ ilaalan guyyaatti viidiyoo sa’aatii biliyoonan lakka’amu akka fayyadaman dubbata.
Gaazexeessaa Maark Bargan kitaaba isaa like,comment, subscribe keessatti “Fagoo hin turre kan namni ‘youtube’ akka waan guddaatti fudhatu tokkolleen hin turre.
Garuu karaa baay’eedhaan, ‘youtube’n miidiyaa hawaasaa ammayyaa irratti waltajjii karaa saaqe ture.
Murtoon inni seenaa isaa keessatti fudhate akkaataa xiyyeeffannoo, maallaqa, ilaalcha, fi wanti biraa hundi toora interneetii irratti hojjetamu jijjiireera.”
Viidiyoon ‘youtube’ dammaqina waloo keenyaa harka guddaa fudhatee, maaltu akka walitti nu fidu, maaltu akka nu kakaasu, maaltu akka nu kolfisiisu, boossu, akka gaddisiisu murteessee jira.
“Daayinamiksii miidiyaa hawaasaa guutuu – xiyyeeffannoo fi beekamtiin sababa caasaa faayinaansii ‘youtube’n uume irraa adda ta’eera,” jechuun Bargan BBC’tti himeera.
Uumamni namaa mataan isaa waggoota 20’n darban keessatti jijjiirameera. ‘Youtube’n akkaataa ofii keenyaa fi namoota biroo itti ilaallu kan murteessu ta’a.
Madda suuraa, Estudio Santa Rita
Kaanoon Rook: Jalqaba tumsa toora interneetii
Viidiyoon Tiktok ykn Instagram irraatti osoo hin makamin yeroo dheeraa dura, sirbi Kaanoon Rook jedhamu ‘Youtube’ erga jalqabee ji’a 10 booda maxxanfame.
Weelisaan Kooriyaa Kibbaa Je’ong-Yun Liim, kan onlaayinii irratti Funtwo jedhamuun beekamu, kutaa ciisichaa isaa keessa fuula isaa dhoksee gitaara elektirikii qabatee taa’aa ture.
Baandiin tokko faaruu Joohaan Paachelbel taphataa turte, Liim hojiin gitaaraa isaatin itti makamuun sirba waggaa 300 taphachuu eegale.
Garuu gitaaraa taphachuun itti ulfaate, gara sekondii 40 keessatti, ofumaan cabsee itti seene. Qubnisaa akka ajaa’ibaa gitaaraarra dhaha ture.
Viidiyoonsaa kun garmalee daawwatamee qoodame. Kana hordofee fayyadamtoonni gara 900 ta’an deebii viidiyoo kallattiin erganiiru.
Fayyadamaan ‘Youtube’ Impeetoo jedhamu akka waan interneetiin guutuun waliin shubbisaa jiruutti, viidiyoo Kaanoon Rook hedduu qindeessee maxxanse.
Sirbi dura interneetii irratti haaraa hin turre, garuu hirmaannaan fayyadamtootaa haaraa ture.
Kaanoon Rook “artistoota gidduutti” ykn namoonni michuu kalaqaa ta’anii akka waliin hojjetan balbala bane jetti Yunivarsiitii Korneel, US keessatti argamu irraa piroofeesara qunnamtii kan taate Biruukii Eerin Daafii,
Adeemsa kalaqaa keessatti bilisummaa hayyamuun ‘Youtube’ hawaasa adda addaa fedhii fi dandeettii adda addaa qaban walitti fiduun neetworkicha kan mataa isaanii akka ta’u taasisan.
‘Youtube’n walta’iinsa toora interneetii kakaasuuf gargaareera jedhu Yunivarsiitii Teeknooloojii Kuwiinslaand Awustiraaliyaa keessatti piroofeesara miidiyaa dijitaalaa kan ta’an Jiin Barges.
Viidiyoonni akka Funtwo agarsiisaf qofa hin turre jedha Bargess, “ogummaa kee agarsiisuu fi namoota biroof barsiisuuf” affeerraa turan.
Waltajjiiwwan viidiyoo har’aa walta’iinsa gabaa fi falmii siyaasaa dhuma hin qabne ni dhiyeessu.
Garuu kanaa mannaa bakka fayyadamtoonni interneetii akka miseensota hawaasa addunyaa tokkootti wal arguu baratan ta’uu danda’a.